Magaalaa Shaashamanneetti mootummaan ummata irratti saamicha geeggeessaa jiraatuu beekame.
- Odeeyfannoo
- Oct 13, 2016
- 1 min read

Mootummaan Itoophiyaa fincila guutuu biyyattiitti ummanni itti kaaseen fulbaana 28/2009 irra kaasee Labsii yeroo Ariifachiisaa labsuun isaa beekamaadha.
Yeroo ammaa kana labsii kana magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti hojii irra kan oolfamaa jiru yoo tahu, labsii kana dawoo godhatuun waraanni mootummaa ummata irratti saamicha geggeessaa jiraatuu beekameera.
Guyyaa hardhaa magaalaa Shaashamannee ganda 01 naannawa Masjiida Al Imaan irraa kaasee waraanni fi qaamonni mootummaa manneen ummataa irra deemanii sakatta'iinsa cimaa geggeessaa turan. Sakatta'iinsa kanarratti Albeen osoo hin hafin meeshaa mana keessatti itti fayyadaman kan fudhataa jiran tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahee jira. Meeshaa qofa osoo hin tahin mallaqa qarshii 500 oli tahee mana keessatti yoo argan kan fudhataanii bahuu jechuun jiraataan tokko nuuf ibsaniiru.
Akka jiraataan magaalaa Shaashamannee kun nuuf himetti
"Sakatta'iinsi kun naannawa masjiida Al Imaan irraa kaasee hanga Masjiida Kulafaaurrashiidiiniitti geggeeffamaa ole. Wanti sakatta'amaa oolees meeshaa qara qabu osoo Albeen hin hafin manaa fudhaanii akkasumas naannoo masjiida Al Amiin sanitti manguddoo tokkos qabanii qarshii 6000 irraa fudhatan. Waan akka mallaqaa qarshii 500 olis mana keessatti yoo argan ni fudhatu " jechuun nuuf himeera.
Qamni sakatta'iinsa kana geggeessaa jirus waraana mootummaa yoo tahan mana nama tokko namni 20 akka seenuus nuuf himaaniiru.
Guyyaa kaleessaatis magaaluma kanaatti abbootiin qabeenyaa heedduun kan hidhamaa turaan tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.
Comments