top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Fincilli ummataa ammas akkuma itti fuufetti jira.

  • Odeeyfannoo
  • Oct 13, 2016
  • 2 min read

#OromoRevolution Mootummaan waraana isaa bobbaasuun ummata meeshaa hin qabne irratti waraana labsee lammiiwwan ajjeesuu fi hidhuu akkasumas tumuun gocha Suukaneessaa raawwatuun lammiiwwan kan roorrisaa jiru yoo tahu, mootummoonni biyyoota adda addaa fi Dhaabbileen mirga dhala namaa kabachiisuuf dhaabbanne jedhanis akka mootummaan gocha kana irraa of qusatu gaafatanis diduun ajjeechaa lammiiwwan irratti raawwatu cimsee itti fuufee jira.

Ummannis ajjeechaa fi hidhaa kanaaf osoo hin jilbiiffatin mootummaa waliin falmii cimaa geggeessaa jira. Fincilli Ummataa kun guyyoota 10 oli kan lakkoofsise yoo tahu, tarkaanfii waraanni mootummaa fudhateen lubbuun lammiiwwan hedduu badeera. Lammiiwwan heedduunis miidhamanii hedduunis hidhamaniiru. Haaluma walfakkaatuun tattaaffii ummanni Tarkaanfii waraana mootummaan kana ofirraa faccisuuf taasiseen waraanni mootummaa hedduun ajjeefamaniiru, waajjiroonni, Qabeenyi mootummaa fi deeggartoota isaa hedduunis barbadaa'aniiru.

Godina Qeellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Dollootti waraanni mootummaa kaleessa galgala dargagoota lama irraatti rasaasa dhukaasuun tokko kan du'ee fi inni tokko haalaan miidhamee hospitaala Dambii Dollootti kan yaalamaa jiru tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Godina wallaggaa lixaa aanaa Warra jiruu fi gandoota aanaa kana jalatti argaman irraa jaarsolii biyyaa fi dargaggoota ukkaamsuun kan hidhaa jiran tahuu beekameera. Namoota hidhamanii jidduu

1.Kooluu Ayyalaa Jaarsa biyyaa 2.Eebbisaa Toleeraa Jaarsa Biyyaa 3.Zawudee Asaffaa 4.Aadde Boyasee Ittafaa 5.Ayyaanaa Alamaayoo 6.Manaajer Eebbisaa fi 7.Barsiisaa Bulchaa Taliilaa yoo tahan yeroo ammaa kana hidhaa irratti kan argamaan tahuu beekameera.

Gama biraatiin mootummaan hoogantoota OPDO aanaalee adda addaa keessatti hidhaa jiraatanis beekameera. Godina Shawaa kibba lixaatti Hoogganaa waajjira dargaggoo fi Ispoortii godinichaa kan tahe Obboo Gaashaaw Mallasaa guyyaa tokko dura waraanni mootummaa kan hidhe yoo tahu godina Gujii bahaatti itti aantuun waajjira dhimma dubartii fi daa'imman godinichaa hidhamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Godinoota Oromiyaa adda addaa keessattis mootummaan hoogantoota OPDO kan isuma wajjiin tahuun ummata dhiitaa turan irratti tarkaanfii fudhataa kan jiru tahuu beekameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page