top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Ameerikaa Itiyoophiyaa akeekkachiise

  • Odeeyfannoo
  • Oct 12, 2016
  • 1 min read

Mootummaan Ameerikaa Michuu isii kan ta’e Mootummaa Itiyoophiyaa dhimma Labsii yeroo Ariifachiisee waliin walqabatee akeekkachiisa kennee jira. DUbbi himaan Dhimma alaa John Kirby akka jedhetti mootummaan gaafilee mormitootaa ni deebisna jechuun isaa akkasumas, seera filannoo biyyattii ni jijjiirra jechuun isaa gaariidha. Garuu akkaataa Labsiin kun dalagaa irra oolu irratti mootummaan ibsa gahaa kennuu qaba jedhe. “himannaa malee nama hidhuun, mirga dubbachuu daangessun, wal gahii hawaasummaa dhoorkuu fi Sa’aa namni manatti galuu qabu murteessuun isaa akkaan nu yaaddessa “ jedhe. Tarkaanfiileen akkanaa kunniin tarii nagaya biyyattii ni deebisa jedhamee yaadamu danda’a, haa ta’u malee haalli akkanaa kun mirga namootaa sarba malee gaafii ummatni gaafateef deebii hin ta’u jedhe.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page