top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ameerikaa keessatti Jibbaan Islaamummaa daran Jabaataa jira

  • Odeeyfannoo
  • Oct 12, 2016
  • 1 min read

Abdulaziiz Usmaanii jedhama. Ijoollee waggaa 7 yoo ta’u, barataa kutaa tokkoffaati. Mana baruumsa North Carolinatti kan baratu yoo ta’u, torbaan darbe geejjiba mana baruumsichaatiin osoo deemaa jiru barattoota shaniin akka reebame beekuun danda’amee jira. Ameerikaa keessatti jibbansi Islaamummaaf qaban daran jabaataa deemaa jira. Ammaan tana ijoollee xixiqqoo akkanaatis irratti xiyyeeffatanii cinqaa akka jiran gabaasni madden garagaraa irraa arganne ni addeessa. Abbaan Daa’ima kanaa Doktor Ziishaan Al Hassan Usmaanii gaazexeessitootaaf akka ibsetti haati warraa isaatii fi ijoolleen isaa sadi rakkoo tana hordofee gara biyya Paakistaan akka deebi’een himee jira.

“Ijoollee waggaa Ja’aa fi Torbaatu maqaa isaa isa waama isa arrabsaa turan. Inni tokko fuula keessa dhahe. Kuuwwanis isa dhiitutti seenan. Inni tokko ammoo harka isaa micciiree duubatti qabe. Mana baruumsaa irraa kaasee hanga mana gahutti Konkolaataa keessatti isa reebaa turan” jedhe Abbaan isaa yeroo gaazexessitootaaf ibsutti.

Lisaa Luutan, dubbi himtuun Manneen barnoota hawaasummaa Wake County “ Hooggantootni mana baruumsichaa dhimma kana qorachutti jiran” jette. Abbaan daa’ima kanaa ammoo Maatiin isaa haga Filannoon Ameerikaa kun darbutti achuma Paakistaan kan turan yoo ta’u, Donaald Traamp yoo ka moohatu haala isaa laalanii achumatti hafuu akka danda’anis ibsee jira. Manni maree Islaamummaa Ameerikaa (CAIR) dhimma kanarratti qorannoo akka godhu gaafatee jira. Dubbi Himaan CAIR Ibraahim Huuppar akka jedhetti, “Manni baruumsa dhimma kana qoratee furmaata akka kennu barbaadna, yoo dhimmicha gara Poolisii geessuun kan barbaachisus haala isaa akka nuuf himan gaafanna” jedhe.

Ameerikaa keessatti Muslimoonni rakkoo guddaa keessa jiru. Erga Doonaald Traamp Jibba islaamummaa fi Muslimootaaf qabu ibsee asitti tarkaanfiin Muslimoota irratti fudhatamu daran dabalaa jira. Ji’a dabre keessa Imaamni Masjiidaa ajjeefamuu isaa isinii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Rabbi ummata muslima bakkuma jiran cufatti Adawwii jalaa haa tiksu.

Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page