Aanaa Leemmuu fi Bilbilotti Caasaaleen Mootummaa heddu barbaadawe
- Odeeyfannoo
- Oct 12, 2016
- 1 min read

Godina Arsii bahaa aanaa Leemmuu fi Bilbilootti fincila torbee kana keessa geggeeffameen waajiraaleen gandaa hedduun barbadaa'uun beekame.
Torbee kana keessa fulbaana 23-30 guyyoota jiraan keessati caasaaleen gandaa kan magaalaaf baadiyaa keessatti argaman hedduun kan barbadaayan tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.
Magaalota qabeenyi mootummaa itti barbadeeyfame jidduu Magaalaa Sirboo, Maraaroo, Barkumee, ganda Hulullee Kaarraa, Hulullee haasaa, Samiiraa fi kan birootis jiraatuu maddeen nuf gabaasaniiru.
Magaalaa Maraarootti meeshaa waraanaa 30 ol kan booji'ame ta'uu beekamee jira. Ganda Barkumeetti agaziin 9 kan ajjeefamee fi ummata irraa namoonni afur kan Wareegaman ta'uu beekameera.
Hanga hardhaatis Milishaa irraa meeshaa Hiikkatuun kan itti fuufe yoo tahu Bulchaan ganda leemmuuf bilbiloo Amaan Abdallaah ummatarratti "Isiiniif goosisa" jechuun dhaadateera jechuun maddeen keenya naannawa irraa nuuf himanii jiru.
Manneenii fi qabeenyi deeggartoota mootummaa gandoota adda adddaa keessatti argaman kan barbadaa'e tahuu beekameera.
Commentaires