top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hidhaafi ukkaamsuun furmaata hin ta’u jedhe.

  • Odeeyfannoo
  • Oct 11, 2016
  • 1 min read

Dhaabbata Mootummoota gamtoomanitti Koomishanarri mirga namoomaa irra deebi’uudhaan mootummaan Itiyoophiyaa, qorattootaaf heeyyama akka kennitu gaafate. Akka koomishanara kanaatitti rakkoo biyya keessa deemaa jiru irratti wantoota raawwataman qaamni bilisaa akka qoratu barbaadan. Dubbi himaan Komishinarichaa Ruuppart Kolvil magaalaa Jenevaa keessatti akka ibsetti, “haalli amma Itiyoophiyaa keessa deemaa jiru sadarkaa yaaddessaa irra waan gaheef qaama walabaa, waan kana qoratu argachuun barbaachisaa ta’ee jira. Mudannoo Alhada darbe Bishooftutti dhaqqabe akkasumas, rakkoo waggaa darbee ji’a Muddee irraa kaasee dhaqqabaa ture qorachuun akkaan barbaachisaa dha” jedhe. Hagayya darbe Komishanirri Mirga namoomaa kun qaamni walaba ta’e biyyatti seenuudhaan rakkoo Oromiyaa fi Amhaaraa keessatti dhaqqabe akka qoratu gaafatee ture. Mootummaan Itiyoophiyaa garuu qaamni alaa seenee waan kana akka qoratu hin barbaadu jedhee diduun isaa ni yaadatama. Amma garuu Rakkoo Alhada darbe Bishooftutti mudate hordofee, finciloota bakka heddutti finiinaa jiran hordofee miidhaa dhaqqabe qorachuudhaaf heeyyama akka kennamuuf gaafatee jira. “Irra deebidhaan mootummaan dhimma kana akka qorannuuf heeyyama akka nuuf kennu gaafanna” jedhe. Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii kun dhimma Intarneeta cufuun walqabateenis ibsa kennee jira. “Tajaajila intarneeta Mobaayilaa kutuu irra, rakkoolee mudataniif furmaata waaraa osoo kennee wayya” jedhe. Dabalataanis dhaabbanni kun Biloogaroonni Siyuum Tashooma fi Naatnaa’el Fallaqa hidhamuun isaanii akkaan na yaaddeessee jira jedhe. Namoonni kunniin rakkoo gaafa Irreechaa Bishooftutti mudateef mootummaan harka keessaa qaba waan jedhaniif akka hidhaman ibsi Komishinara kanaa ni addeessa. “Naannoo Oromiyaa fi Amhaaraa keessatti namoonni kumaatamaan lakkaawaman hidhamaa akka jiran gabaasni argataa jirru ni addeessa. Nutis mootummaan namoota mirga isaanii waan gaafatan qofaaf hidhaman kunniin haal duree takkaan malee akka gad dhiifaman gaafanna. Tarkaanfiin akkanaa kun rakkoo biyya keessa jiru yoo hammeesse malee, furmaata fiduu hin danda’u” jechuudhaan Komishinarri Mirga namoomaa kun ibsa kenneen addeessee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page