Fincilli ummataa guyyaa hardhaatis cimee itti fuufee jira.
- Odeeyfannoo
- Oct 10, 2016
- 1 min read

Ummanni godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti humnoota mootummaa fi deeggartoota mootummaa irratti tarkaanfii fudhataa jiraatuu odeeyfannoon naannawa adda addaa irraa bahu ni addeessa.
Godina Arsii Roobee ganda Jaawwii Sireetti manneen deeggartoota mootummaa kan barbadaawanii fi milishoota 40 irraayis meeshaan kan hikkame tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Dangaa Qeellam Wallaggaa fi Naannoo Gaambellaa walqunamsiisu irratti ummataa fi waraana mootummaa jidduutti walitti bu’iinsi cimaan godhamaa oole, waraanni mootummaa dangaa saniin gara Qellam Wallagaa seenuuf yaalii kan godhaa ture yoo tahu, ummanni bahee kan ofirraa deebise tahuu beekameera. Fincila kana irraattis ummata irraa namoonni hedduun kan midhaman tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Namoota midhaman kana jidduu 1.Obboo Tasfayee Yaasinaa 2.Obboo Indaaluu Irranaa 3.Taafasaa Buzunaa 4.Fayyisaa Indaaluu fi 5.Obboo Balisoo namoonni jedhaman kan miidhaman tahuu beekameera.
Comments