Mootummaan Itiyoophiyaa Labsii yeroo Ariifachiisaa labse.
- Odeeyfannoo
- Oct 9, 2016
- 1 min read

Mormii fi Fincila dhiheenya kana Naannoo Oromiyaa keessatti godhamaa jiru hordofee mootummaan muddama guddaa keessa seenee jira. Kanumaan walqabatee lammiilee heddu irratti dhukaasuudhaan lubbuu namoota hedduu galaafatuun isaa ni beekama. Ummanni Tarkaanfii mootummaa irratti fudhateen, waajjiraaleen garagaraa barbaadaawanii jiru. Kanuma hordofuudhaan mootummaan biyya bulchaa jiru labsii yeroo ariifachiisaa labsuun isaa beekamee jira. Akka Muummichi Ministeera biyyattii Haylamaariyaam Dassaalany ibsetti, Manni maree Ministeerotaa labsii kana baasuun barbaachisaa ta’ee waan itti mul’ateef labsee jira jedhe. Akka Haylamaariyaam jedhetti Labsiin kun Mana Maree Ministeerotaatiin kan labsame waan ta’eef, Akka Seera Itiyoophiyaa Keeyyata 93/ Keeyyata xiqqaa lakkoofsa 3tti, Labsiin yeroo Ariifachiisaa kun Ji’oota jahaaf tura jechuudha. Akka Muummichi Ministeeraaa jedhetti yeroo Labsii kanaatitti sochiin hawaasaa hedduun isaa kan ugguramu ta’us beeksisee jira. Haa ta’u malee yeroo labsii kanaatti Mirga namummaa fi Mirga Viena Convention irratti waliigalame hundi isaatuu ni kabajna jedhee jira.
Mootummaan yeroo labsii kanaatiin ala tarkaanfiin fudhate suukaneessaa kan ture yoo ta’u, ammaan tana ammoo Labsii kana hordofee tarkaanfiin inni fudhatu daran ta’uu akka danda’u tilmaamuun ni danda’ama. Akkasumas Labsii yeroo Ariifachiisaa kana dalagaa irra kan oolchi Koomaandi Poostii Ministeerichaan durafamu waan ta’eef, tarkaanfii mootummaa daran ta’uu akka malu shakkii hin qabu. Kanuma Hubachuun Hawaasni keenyas of eeggannoo cimaa akka godhu dhaamsa dabarsina
Comments