Fincilli ummataa guyyaa hardhaatis itti fuufee jira.
- Odeeyfannoo
- Oct 9, 2016
- 1 min read

Godinoota fi magaalota Oromiyaa adda addaa keeysatti ummanni fincila cimaa geggeessaa jira.
Godina Shawaa Bahaa magaalaa Baatuutti fincilli kan geggeeffamaa jiru yoo tahu manni hidhaa guddaan naannoo Oromiyaa magaalatti keessatti argamu gubamee kan barbadaawe tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Dhuukasni rasaasaa guddaa kan dhagayamaa jiru tahuu beekameera.
Godina Wallaggaa Lixaa aanaalee akka Najjoo Goorii, Jaarsoo,Mandii,baabboo, Gambeel fi Gimbitti sochiin daldalaa tokkooyyuu kan hin jirre tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Baalee Gasgaar keessatti guyyaa hardhaatis mormii cimatu geggeeffamaa jira. Fincilli ummataa kun guyyaa ummatni iddoo Irreechaatti dhume irraa kan jalqabe yoo tahu, guyyaa hardhaa kana magaalonni too'annoo ummataa jala galtee manguddoon kan bulaa jirtu tahuu beekameera.
Comentários