Fincilli Ummataa Arsii Roobeetti cimee itti fufee jira.
- NuuralHudaa
- Oct 8, 2016
- 1 min read

Arsii Roobeetti kaleessa galgala irraa jalqabee ummataaf waraana mootummaa jiddutti lolli cimaan kan geggeeffamaa jiru tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu dhaqqabe ni addeessa.
Lola ummataa fi waraana mootummaa jiddutti kaleessa galgalga godhame kanaan ummata irraa namni 3 kan wareegamee fi namni 30 ol miidhamuun mana yaalaa kan jiran tahuu beekameera.
Magaaluma kanatti basaastonni mootummaa amantaa fi amantaa walitti buusuun qabsoo ummata irratti gufuu kan tahaa jiran yoo tahu ummanni shira mootummaa kana hubatuun of eeggannoo godhuu akka qabu dhaamsi darbee jiraa.
Arsii aanaa Muunnessaattis falmii cimaatu godhamaa jira. Ummatni baadiyaa seensa magaalaa Muunnessaa irratti agaazii waliin falmii guddaa kan godhaa jiru tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Aanaa Aminyaa Magaalaa Addeellee keeysatis falmii cimatu jira. Ummata irraa nama heddutu rasaasaan dhayame jira. Wajjiroonni mootummaa fi konkolaatonni hedduun barbadaa'uu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Comments