Search
Muslimoonni galmee Eeliyaas Khadiir jalatti himataman Onkololeessa 10/2009 beellamaman.
- NuuralHudaa
- Oct 7, 2016
- 1 min read

Muslimoonni kun guyyaa hardhaa mana murtii ol'aanaa Federaalaatti dhihaataniiru. Muslimoota kana irratti manni murtii mootummaa baatii 8 dura murtii badii kan irratti dabarsee ture yoo tahu, murtii isaanii irratti darbeef oliyyannoo mana murtii ol'aanaa Federaalaatti dhiheeyfatanii turan. Manni murtii kunis oliyyannoo isaanii ilaaluuf guyyaa hardhaatiif kan beellame ture yoo tahu, beellama isaanii irratti hundaa'uun ganama hardhaa dhihaatanis, akkuma beekamu ammas Abbootiin Seeraa walgahii irra jiru jechuun ammas Onkololeessa 10/2009 kan beellamaman tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Comments