Magaalaa Dodolaatti waraanni mootummaa ummatni akka manaa hin baane labse.
- NuuralHudaa
- Oct 7, 2016
- 1 min read

Guyyaa kaleessaa magaalaatti keessatti fincilli cimaan ummataaf waraana mootummaa jiddutti kan godhamaa oole yoo tahu, namoonni hanga sadii wareegamuu maddeen nuuf gabaasaniiru. Guyyaa hardhaatis dargaggooni guyyaa kaleessaa rasaasaan dhahame tokko wareegamuu beekameera. Guyyaa hardhaa mootummaan ummanni manaa akka hin baane jechuun kan labse yoo tahu, namni manaa bahee daandii irratti argame rasaasaan dhahama jechuun kan labsan tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu dhaqqabe ni addeessa. Jiraataan magaalaa Adaabbaa tokko akka nuuf himetti "Ganama hardhaa irraa jalqabee ummanni manaa gad hin baane, Sochiin tokkooyyuu magaalattii keessatti hin muldhatu, haata'u malee ummanni tooftaa adda addaatti fayyadamuun waraana mootummaa dura dhaabbatuu itti fuufee jira jedha'' Guyyaa hardhaa iddoo ganda Saree jedhamu irraa dargaggoon kaleessa rasaasaan ajjeefame awwaalatuuf ummanni kan bahe yoo tahu iddoo Awwaalaa kanatti ummanni marii godhuun kan bittinnaa'e tahuus jiraataan magaalaa Adaabbaa kun nuuf himee jira. Fincila guyyoota lamaan darban keessatti godhameen ummanni meeshaa waraanaa hedduu kan booji'ee fi poolisoota Oromiyaa irraahis kan jaarsolii biyyaatti harka kennatan jiraatuu maddeen gabaasaniiru.
Comments