Mormiin Oromiyaa keessaa daran jabaatee itti fufee jira
- NuuralHudaa
- Oct 6, 2016
- 1 min read

Sochiin daldalaafii hojii Oromiyaa keessaa har’as akkuma addaan citetti jira. Mootummaanis tarkaanfii garagaraa fudhataa akka jiru gabaasni bakka garagaraa arganne ni addeessa. Guyyoota dabran afran keessatti ummanni magaalaa fi baadiyaa waajjiraa fi qabeenya mootummaa barbaadeessaa ture. Naannoo tokko tokkottis meeshaaleen waraanaa kan mootummaa boojuu ummataa tahee jira. Kana hordofee daldalaa fi sochiin hawaasaa bakka heddutti dhaabbachuu danda’eera. Konkolaatonni geejjibaa tajaajila addaan kutanii jiran. sababa kanaaf namoonni hedduun deemsa dheeraa miilaan deemuuf dirqamanii jiru.
Guyyaa har’aatis akkuma guyyoota dabranii hiriirrii itti fufee jira. Halkan kaleessaa Magaala Dirre Dhawaatti wajjira gubuun mormiin jalqabame hanga ammaatti itti fufee jira. Har’as naannolee tokko tokkotti dhukaasni dhagahamaa kan jiru ta’uu odeeyfannoon arganne ni addeessa. Godina Arsii Lixaa magaalaa Dodolaa nama tokko bilbilaan dubbisnee turre. Akka namni kun nuuf himetti,
“dhukaasni haalaan guddaadha, waraana dirree waraanaatti baname fakkaata. Namni tokkollee manaa hin bahu, nutis manuma teenyee sagalee dhukaasaa dhaggeeyfachutti jirra”
Nuun jedhe. Tajaajilli Networkii waan addaan citeef, miidhaa hawaasarra gahe adda baafachuu hin dandeenye. Achuma Godina Arsii Lixaa magaalaa Asaasaattis waraanni mootummaa namoota karaa irratti argan hunda tumaa gara manaa deebisaa akka jiran odeeyfannoon arganne ni addeessa.
Godina Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Walisottis ummatni Agaazii waliin waldura dhaabbatee jira. Godina Baalee Aanaa Agaarfaa Magaalaa Aliittis qabeenyi mootummaa fi deeggartoonni mootummaa barbaadawee jira. Godina Arsii Lixaa Magaala Qoreetti ammoo Waraana Agaazii fi Ummata jiddutti godhameen, gama lameen irraayyuu lubbuun bade kan jiru ta’uu odeeyfannoon arganne ni addeessa.
Comments