Sochiin Oromiyaa keessaa har’as jabaatee itti fufee jira
- Odeeyfannoo
- Oct 5, 2016
- 1 min read

Magaalaaleen Oromiyaa hedduun isaanii guyyaa har’aatis hiriiria keessummeessaa jiru. Qabeenyi mootummaa fi Waajjiraaleen mootummaatis barbaadaayaa jiru. Magaalaa tokko tokko keessattis waraanni mootummaa tarkaanfii fudhataa jira. Ajjeechaa suukaneessaa guyyaa Alhadaa Magaalaa Bishooftutti godhame hordofee hiriiraa fi mormiin hawaasni Oromoo geggeessaa jiru daran jabaatee itti fufaa akka jiru, gabaasni madden garagaraa irraa arganne ni addeessa.
Guyyaa har’aa magaalota Finfinnee marsanii argaman keessatti hiriirri guddaan godhamutti jira. Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fichetti konkolaataan gubatee jira. Godina Gujii Magaalaa Bulee Horaa fi Garba Aannottis hiriirri godhamaa jira. Namoonni rasaasa mootummatin ajjeefaman akka jiranis gabaasni arganne ni addeessa. Godina Arsii Aanaa Muneessaa gandoota Waajii fi Laaqichaa keessattis qabeenyi mootummaa barbadaawaa jira. Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Tullu Boollottis mormiin guddaan geggeeffamaa jira. Shawaa Bahaa Magaalaa Doonii, Arsii Lixaa Magaalaa Arsii Nageelleetti qabeenyi mootummaa barbadaawee jira. Godina Arsii Lixaa magaalaa Asaasaa fi Dodolaa keessattis sochiin kun cimee kan itti fufe ta’u gabaasni naannorraa arganne ni addeessa.
Yunivarsiitii Jimmaa keessatti mormiin kaleessa galgala jalqabame hanga har’a ganamaatittis itti fufee jira. Mormiin kun gara Yunivarsiitii Haramaayaa kan cehe tahuun isaatis gabaasni argame ni addeessa. Hiriira Oromiyaa keessatti godhamu hordofee Mootummaan tajaajila Intarneetaa cufee jira.


Commentaires