Magaalonni Oromiya guyyaa har'aatis Mormii guddaa keessummeessa jiru
- Odeeyfannoo
- Oct 4, 2016
- 1 min read

Erga Waraanni mootummaa guyyaa alhadaa Magaalaa Bishooftutti ummata nagayaa irratti dhukaasa banuun du’aa namoota dhibbaan lakkaawamanii sababaa ta’ee as, magaalonni Oromiyaa keessa jiran fincila guddaa geggeessaa jiru. Daandiileen magaalota wal qunnamsiisu cufamanii jiru. Waajjiraaleen mootummaa kanneen akka waajjira gandaa fi Poolisiidhaa gubachaa jiru. Qabeenyi mootummaa fi deeggartoota mootummaatis barbaadaawaa jira. Sochiin idilee Oromiyaa keessaa gara Mormiititti jijjiiramaa jira. Buufataaleen konkolaataa duwwaa ta’anii jiru.
Guyyaa har’aatis Magaalota akka Ijaajjii, Gimbii, Walisoo, Burraayyuu, Shaashamannee, Aanaa Gadab Asaasaa, Yunivarsiitii Jimmaa fi naannolee birootittis mormiin geggeeffamaa akka jiru gabaasni argame ni addeessa. Haaluma wal fakkaatuun hojjattoonni waajjiraalee garagaraatis dalagaa dhaabanii akka jiran odeeyfannoon argame ni addeessa.
Tarkaanfii Mootummaan guyyaa Alhadaa fudhateen namoonni 678 lubbuu isaanii dhabanii akka jiran ibsi Koongrasii Feederalawaa Oromoo ni addeessa

Comments