Mormiin Oromiyaa keessatti godhamu guyyaa hardhaatis cimee itti fuufee jira.
- Odeeyfannoo
- Oct 3, 2016
- 1 min read

Guyyaa har'aa magaalaa Bulee Horaa waajjiira Poolisii, Mana Murtii, Gumruukaa fi waajjiraaleen birootis barbadaawanii jiru, ummanni waraana mootummaa magaalaa keessaa baasuun magaalaa dhuunfatuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Dambi Doollo, Shaashaamannee, Asaasa, Dodola, Seerofta, Garambaamoo, Baatuu, Maqii, Shawaa lixaa magaalaa Bakee,Baalee Roobee, Ajjee,Harargee Lixaa Magaalaa Madhichoo, Magaalaa Nuunnu, Mugar, Incinnii, Shanoo Cobii, Godina Jimmaa magaalaa Sarboo, Godina Shawaa lixaa magaalaa Gooroo, ficaa'aa fi magaalota biroo keessattis mormiin cimaan godhamaa jira.
Waraanni Mootummaatis ummata irratti tarkaanfii fudhachaa jira. Magaalaa Dambii Doollootti Waraanni mootummaa ummata irratti dhukaasuun namoonni hedduun miidhamaniiru, magaalaa Bulee Horaattis namoonni lama midhamanii namoonni lamas ajjeefamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.



Comentários