Mormiin Magaalota Oromiyaa keessatti godhamu ammas itti fufee jira.
- NuuralHudaa
- Oct 3, 2016
- 1 min read
Ajjeechaa gara jabeenyaa guyyaa kaleessaa Magaalaa Bishooftutti raawwatame hordofee mormiin guyyaa kaleessaa magaalota Oromiyaa garagaraa keessatti godhamaa ture har’as iti fufee jira. Mormiin kanaanis Waajjiraaleen mootummaa fi kan poolisii akkasumas qabeenyonni mootummaa barbaadawaa jiru. Odeeyfannoo haga ammaa nu dhaqqabeenis magaalota heddu keessatti ummanni dalagaa dhaabutti jira. Halkan kaleessaa irraa jalqabee hanga har’aattis mormiin kun cimee itti fufee jira.
Guyyaa har’aa magaalaa Bulee Horaatti Waajjirri poolisii kan gubate yoo ta’u, waraanni mootummaatis ummata irratti dhukaasa kan bane ta’uu odeeyfannoon arganne ni addeessa. Dabalataanis Magaalaa Dambi Doolloo, Godina Jimmaa Magaalaa Sabrootti, Shawaa Lixaa magaalaa Goorootti, Akkasumas Magaalaa Ambotti mormiin kan godhame ta’uu gabaasni arganne ni mul’isa.





댓글