top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Masjiida biyya Jarmanitti argamu tokkotti Boombiin dhoohe.

  • Odeeyfannoo
  • Sep 27, 2016
  • 1 min read

Masjiidaa fi Galma walgahii kan Biyya Jarman magaalaa Dreesdan keessatti argamu keessatti, halkan edaa boombiin kan dhoohe tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Dhoohinsa Kanaan namni miidhame hin jiru. Garuu Masjiidaa fi galmi walgahii balaa boombii kanaan miidhaamee jira. balaa kanaaf Haga ammaatti namni itti gaafatamummaa fudhate jiraatuu baatus, dhoohinsi kun, jibbiinsa ummata biraa (Xenophobia) wajjiin kan walqabatu akka ta’uu danda’u, poolisiin ibsee jira.

Magaalaan Dreesden tun magaalaa Warraaqsi farra islaamummaa Jarman (PEGIDA) kan itti bu’uureeffame yoo tahu, kaayyoon Warraaqsa kanaa ammoo Islaamummaa jarmaniin keessaa balleessuudha, dhoohinsi kaleessaa kun akkuma gareen kun Hiriira nagayaa godhee, bittinnaa’een booda kan mudate ta’uu gabaasni UPI irraa arganne ni mul’isa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page