top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Balaa dooniitiin namoonni haga 300 dhuman

  • Odeeyfannoo
  • Sep 24, 2016
  • 1 min read

Dooniin baqattoota heddu feetee Misra (Egypt) irraa gara Awurooppaa deemaa jirtu garagaltee namoonni haga 300 du’uun isaanii gabaafamaa jira. Balaan kun kan dhaqqabe guyyaa harbaa yoo ta’u, yeroo sanitti reeffi namoota argamee 42 qofa ture. Garuu gabaasa guyyaa jum’aa aangawoonni biyya Misraa kennaniin namoonni balaa Kanaan du’an 300 ta’uu himanii jiran. Namoonni 150 ta’an ammoo haga ammaa hin argamne. Namoonni 160 ta’an ammoo lubbuun hafuu isaanii dhaabbannii baqattoota addunyaa ibsee jira.

Bara kana balaa doonii dhaqqabeen haga ammaatitti namoonni 3,500 ol galaana Meeditraaniyaan gubbatti lubbuu isaanii dhabanii jiran. Bara darbe, jechuunis bara 2015tti namooni balaa Kanaan dhumatan 3,771 ta’uu gabaasni argame ni addeessa. Haala ammaa Kanaan yoo itti fufe lakkoofsi baqattoota du’anii kan bara darbee caaluu akka danda’u gabaasni bahe ni addeessa

Namoota lubbuu ofii dhaban keessaa ijoollee waggaa 10 haga 13 ta’an kan argaman ta’uun gabaafamee jira. hedduun isaanii namoota roorroo fi cunqursaa biyya isaanii keessatti godhamaa jiru baqatan akka ta'e beekamee jira. Heddumminaanis lammiilee Suuriyaa, Yamanii fi biyyoota Afriikaa irra dhufan akka ta’e ibsame. Dooniin tun namoota haga 600 feetee imala irra akka turtes odeeyfannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page