top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Barsiistuun Muslimaa takka dhiira harka hin fuudhu jettee dalagaa dhaabde.

  • Odeeyfannoo
  • Sep 22, 2016
  • 1 min read

Firdaws Al Sakkaa jedhamti. Umriin isii waggaa 20 yoo ta’u, biyya Siwiidin Mana baruumsa Kuniskaapskoolanitti barsiistuu turte. Haa ta’u malee manni baruumsa isiin itti barsiistu gama amantii isiitiin dhiibbaa itti godhaa waan jiruuf dalagaa dhaabuu murteessitee jirti. Akka seera mana baruumsa kanaatti dhiiraafi dhalaan harka wal fuudhuun dirqama. Akka amantii Islaamummaatitti ammoo dhiiraafi dhalaan wal fuudhuu danda’an harkaan waltuquun hin hayyamamu. Kanaaf barsiistuun tunis seera amantii kiyyaa kana hin cabsu jechuudhaan harka warra dhiiraa fuudhuu didde. Barsiisaan dhiiraa tokko ammoo gara dura bu’aa mana baruumsaa dhaquudhaan harka na fuudhuu didde jedhee himate. Dura bu’aanis Mana baruumsa kanatti dalagaa Kanaan itti fuufuu yoo barbaadde, dirqamatti seera mana baruumsaa kabajuu qabda jedheen. Isiin garuu Seera mana baruumsaatiif bitamuu irra Seera Rabbii na uumeefiin bitama jettee dalagaa dhaabde.

Firdawsaan baruumsa isiitis mana baruumsa kanatti barattee xumurte. “Carraa mana baruumsa kanatti qaxaramuu arkachuu kiyyaaf akkaan gammade. Manni baruumsaa kun anaaf Mana kiyya. Hanga har’aa dhiirri tokkolleen harka kiyya tuqee hin beeku. Amma garuu maaf akka akkana gochuu barbaadan hin beeku” jette. Barsiistuun tun ammaan tana dhimma isii qaama dhimmi ilaallatutti kan himatte yoo tahu, hanga har’aa deebii akka hin arganne ibsite.

Amma duras Biyya Swiizarlaanditti barattoonni dhiiraa barsiistuu intala harka fuudhuu waan didaniif Mana baruumsaa irraa ari’amuun isaanii ni yaadatama.

Addunyaan tun Muslima garuma ittiin miitu barbaaddi. Muslima amantii isaa irraa jallisuu dadhabnaan dalagaa fi baruumsa irraa ari’uun amantii irraa jallisuuf tattaaffachaa jiran. garuu Muslimni ammas jabaatee dhaabbachuun amantii isaatiif gaachana ta’utti jira. Rabbi Adawwii Muslimaa bakkuma hundatti haa hoongeessu. Obboleetti teenya Firdawsaallee Rabbi dalagaa tana caaltu bakka haa buusuuf.


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page