top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Waldaan Qur'aana Itoophiyaa Ayyaana Arafaa sababeeffatuun Harka qalleeyyii fi Yatiimotaaf deegga

  • Odeeyfannoo
  • Sep 20, 2016
  • 1 min read

Waldaan Kun bara 1980 Haaji Muhammad Awwal Raja'an kan hundeeffame yoo tahu, Harka qalleeyyii fi Yatiimota jalatti argamaniif Ayyaana Arafaa sababeeffatuun deeggarsa kan godhe tahuu beekamee jira. Akkasumas waldaan kun magaalaa Finfinnee fi magaalota adda addaa irraa manneen barnoota Qur'aanaa kan qabu yoo tahu, Yatiimotaa fi harka qalleeyyii manneen barnootaa kanatti argamaniifis ayyaana Arafaa gammachuun akka dabarsaniif foon ,Zeeyita fi daakuu kan kennan tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.

Waldaan Qur'aana Itoophiyaa barattoota Qur'aana baratan kuma 40 oli kan qabu fi madrasaa qur'aana 150 oli kan of jalatti bulchu tahuus ibsame jira.

Odeeyfannoo walfakkaatuun barattoota mana baruumsaa Aliyyii Ibnu Abu Xaalibitti ji'a lamaaf Afaan Arabaa barsiisa ture kan Eebbisiise yoo tahu, sagantaa Eebba kana irratti Ustaazni dhiheenya kana koree hawaasa muslimaa wajjiin hidhaa irraa hiikkame Ustaaz Nuuruu Turkii irratti kan argame yoo tahu, barattoonnis Ustaaz Nuuruu Turkiif kennaa addaa qopheessuun kan keennaniif tahuu beekameera.

Manni Barnoota Aliyyi Ibnu Abu Xaalib waldaa kana jalatti kan bulu yoo tahuu Yatiimota,harka qalleeyyii fi dhukkubsattoota HIV AIDS deeggarsa adda addaa kan godhuuf tahuunis beekamaadha.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page