Al-Qaanuun Fixxibbi
- Abuu Ibtisaam
- Sep 19, 2016
- 2 min read

Kitaabni Suuraa irratti argitan kun Al Qaanun Fixxibb jedhama.
Kitaaba kana Muuziyamii keessatti yoo taate malee bakka biraatti argachuun heddu rakkisaa dha.
Namni kitaaba kana barreesse Abu Ali al Husseen ibn Abdullaah ibn Siinaati
Faranjiin nama Kanaan Avicenna ( Aviseenaa) jechuun yaamti.
Namni kun Hayyuu Muslimaati, Akkasumas Hayyuu Addunyaati.
Bara 980 dhalatee bara 1037 gara aakhiraa deeme. (Rabbi Rahmata haa godhuuf)
Addunyaa tanarra waggaa 57 jiraate
Gaafa Umriin isaa 7 Qur’aana guutuu haffaze.
Umrii isaa gabaabdu tana keessatti kitaabban 450 ol barreesse.
Kitaaba Al Qaanun Fixxibb jedhamu kanaan beekamtii guddaa argate.
Kitaabni kun waa’ee fayyaa irratti xiyyeeffata
Kitaabni Al Qaanun Fixxibb jedhamu kun gara Afaana Laatinitti jijjiiramee manneen barnoota Awurooppaa keessatti tajaajila kennaa ture
Kitaaba kana keessatti Maddi dhukkuboota maal akka ta’e tarreessee lafa kaaye.
Dhukkuboota kitaabicha keessatti tarreeffaman akkamitti wal’aanuu akka qabnis ni barsiisa.
Kitaabbonni fayyaa ammaan tana dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajila kennan hedduun isaanii Kitaaba Ibn Siinaa kana irratti bu’uuraawanii maxxanfaman.
Walumaa galatti Maddi baruumsa Fayyaa (Medicine) Kitaaba Ibn Siinaa kan Al Qaanuun Fixxibb jedhamu kana.
Namni Islaamummaan baruumsa ammayyaa irraa fagoodha jedhee yaadu dhuguma qalbiin isaa fayyaa hin qabu. Inumaahuu Maddi Baruumsa hammayyaa Islaamummaa akka ta’e itti himna.
Kitaabni isaa Al Qaanuun Fixxib jedhamu kun, bara 1562tti gama afaan Laatiinii jijjiirame.
Kun, Kitaaba Ibn Siinaan katabe kan Al Qaanuun Fixxibbi jedhamu.

Kitaaba Al Qaanuun Fixxibbi kan Ibn Siinaan Harka isaatiin katabe

Kitaaba Al Qaanuun Fixxibbi kan Ibn Siinaan Harka isaatiin katabe

Kitaaba Al Qaanuun Fixxibbi kan Ibn Siinaan Harka isaatiin katabe

Fuula Kitaabicha keeysatti Argamurraa suuraan Muraasni kana fakkaata.

Kitaaba Al Qaanuun Fixxibbi kan Afaan Arabaatiin Jalqaba Jaarraa 15ffaa keeysa biyya iiraanitti maxxanfamerraa Fuula Jalqabaa.

Kitaaba Al Qaanuun Fixxibbi kan jaarraa 13ffaa keessa Gama Afaan Laatiinii jijjiiramerraa fuula jalqabaa.

Al Qaanuun Fixxibbi kan bara 1562tti gama Afaan laatiinii hiikame. fuulli gama mirgaatiin argutti jirtan kun, fuula 1082ffaadha.
Ibn Siinaan Waggaa 57 jiraate. Garuu kitaaba 450 katabe. Osoo waggatti kitaaba tokkoo katabee umrii isaa 57tti kitaaba 50 ol katabuu hin danda’u. garuu laaffisaa Rabbiitiin umrii isaa kana keeysatti kitaaba dila kana barreeyse. Waan inni barreeyseen addunyaan har’as fayyadamutti jirti. Maqaa isaatis Ibn Siinaa irraa gama Avicenna jijjiiran. Akka maqaa Muslimaa hin fakkaanneef. Nutis quba hin qabnu. Beekaafii Hayyuun warra lixaa qofa nutti fakkaata. Bu’uurri Teknoolojii Hammayyaa Muslimoota tahuu beekuu qabna.
Comentários