Hujjaajonni Sirna hajjii isaanii Xumuruun gara biyya irraa dhufaniitti deebi'uu jalqaban.
- NuuralHudaa
- Sep 17, 2016
- 1 min read

Muslimoonni biyya adda addaa irraa dirqama Rabbiin isaan irra kaahe raawwatuuf waggaa waggaan gara Magaalaa kabajamtuu Makkaatti imalu. Hajjii bara kana irratti muslimoonni miliyoona lamaa olii argamanii jiru.
Hujjaajonni kun sirna Hajjii kana eega Xumuranii magaalota kabajamoo lamaani Makkaa fii Madiinaa adda bahuu osoo hin barbaadin guyyaa kamisaa irraa jalqabanii gara biyya isaaniitti deebi'uu jalqabanii jiru.
Hujjaajonni kumaatamaan lakkaawaman Xawwaafa Al Wida'aa masjiida guddichatti eega godhanii booda guyyaa hardhaa gara buufata Xayyaaraa King Abdul Aziiz fi buufata Xayyaaraa Jiddaatti socho'anii jiru.
Hajjii bara kanaatti qophii mootummaan Sa'udii hujjaajota keessummeessuuf godhetti hujjaajonni gammachuu guddaa isaanitti dhaga'ames ibsatanii jiru.
Comments