top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Waraanni Agaazii guyyaa arraa Naannoo Dodolaatti dargaggeessa tokko tumuun ilkaan cabsite.

  • Odeeyfannoo
  • Sep 15, 2016
  • 1 min read

Obboleessi keenya kun Konkolaataa geejjibaa namoota muraasa fe’e tokko yaabbatee Magaalaa Dodolaa irraa gara magaalaa Waabee deemutti jira. osoma isaan imalarra jiran konkolaataan agaazii dhuftee dura dhaabbatte. Achi booda nama hundaanuu waraqaa eenyummaa baasaa jedhan. Namni hunduu baasee garsiise. obboleeysi keenya kun hojjataa baankii daldala Itiyoophiyaati. Isaan waraqaa eenyummaa gaafannaan waraqaa eenyummaa kan baankii baasee garsiise. Achi booda isa qofa of biratti hanbisanii namoota hafan hundaanuu deemaa jedhan. Isa ammoo konkolaataa isaanii irratti fe’anii gaafii adda addaa gaafachuu eegalan. “Isinii mitii kan ummata keessan irra gortanii mallaqa ummataa qooddanii baankii qullaa gootan?” jedhaniin. Innis “Mallaqa ummanni nu bira kaayate akkamitti dhoorganna. Abbaan fedhe mallaqa isaa yeroo barbaadetti kaayachuufii yeroo barbaadetti fudhachuu mirga qaba” jedheen. Yeroma san agaaziin tokko ulee harkaa qabuun fuula isaa keessa dhahee ilkaan tokko keeysaa cabse. Ilkaan tokko ammoo socho’ee jira. akka obboleeysi keenya kun nuuf himetti, “amma dura garaa kiyyarraa Oppiraasionii qaba, madaan akka gaaritti naaf hin fayyine. Akka madaa keessa na hin dhoofneef garaan lafatti gara galee ciise. Isaan ammoo duyda keessa na tumaa turan, eega hedduu na tumanii booda mallaqa kiishaa qabu fudhatanii karaarratti na gatanii deeman. Aniis suuta tiradhee karaarratti bahee makiinaa kadhee gara magaalaa waabee gale” nuun jedhe. Haala kanaan waraanni mootummaa hawaasa keenya jiruu dhoowwutti jira. Rabbiin mootummaa kana nurraa haa kaasu.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page