top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ustaaz Kaamil Shamsuu Waggaa Afuriin booda guyyaa har’aa Masjiida Beetal Taqwaatti Khuxbaa godhe

  • Odeeyfannoo
  • Sep 16, 2016
  • 1 min read

Ustaal Kaamil Mana hidhaa keessa waggaa Afurii fi ji’a lama badii takkaan malee dabarse. Ustaazni keenya Haafiza Qur’aanaati. Ogeessa Seeraa kan ta’e Ustaaz Kaamil Koree fala barbaadduu hawaasa Musliimaa keessattis itti gaafatamaa dhimma seeraati. Guyyaa har’aa Masjiida yeroo dheeraaf Imaama ta’ee itti salaachisaa turettu Khuxbaa godhe. Khuxbaa isaatiinis jama’aan achitti argame boochisee jira. Koreen Fala barbaadduun hawaasa Muslimaa erga Hidhaa irraa hiikamaniitis tajaajila hawaasa Muslimaatiif godhan jabeessanii itti fufanii jiran.

Allaahu Akbar!


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page