top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Barsiisotaaf leenjii kennutti jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 16, 2016
  • 1 min read

Leenjiin kun magaalota adda addaatti guyyaa kaleessaa jalqabuun guyyaa lammaffaaf geggeeffamaa jira. Barsiisonni leenjii kana irratti marii qaamonni mootummaa waltajjii irraa geggeessaniif deebii tokkoyyuu kan kennaa hin jirre fi affeerraa nyaataa fi dhugaatii mootummaa irraa qophaa'e lagachuun mormii cimaa dhageesisaa jiraatu odeeyfannoon ni addeessa.

Leenjii godina Arsii aanaa Honqooloo Waabeetti qaamonni mootummaa kennaa jiran irratti Barsiisonni jalaa dubbachuu diddaan, qaamonni mootummaa kun yaada kennadhaa? Gaafii gaafadhaa jedhanii kadhataa turanis barsiisonni waan takka osoo hin deebisiniif oolan.

Yuniversiitii Ambootti leenjiin kun guyyaa lammataaf kan geggeeffamaa jiru yoo tahu, ganama hardhaa sagantaan kan marii yoo tahu, hoogantoonni mootummaa leenjii kana geggeessaa jiran Barsiisonni akka yaada kennan gaaffatanis osoo deebii tokko hin argatin, yeroon Boqannaa geenyaan barsiisonni sagalee tokkoon yeroon kan shaayiiti jechuun iyyuu jalqaban. Qaamonni mootummaa waltajjii geggeessaa turanis cal jechuu barsiisotaa kanatti hedduu rifatanii jiru, kaleessa galgala barsiisonni Irbata isaaniif qophaa'e hin nyaannu jechuun kan lagatanii bulan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Walgahiin kun Dhaabbilee barnoota gurguddoo biyyattii keessattii argaman mara keessatti kan geggeeffamaa jiru yoo tahu, barsiisonni guutuu biyyaatti guutumaan guututti yaada kennuu fi dubbatuu irraa of qusachuun mormii cimaa godhaa jiraatuu maddeen nuuf gabaasanii jiru.

Haasa'uu dhabuun barsiisotaa kun jibbaansa sirnichaaf qaban kan calanqisiisu yoo tahu, mootummaan biyyatti bulchaa jiruuf immoo kufaatii guddaa tahuu ibsamee jira. Mootummaan akkuma kanaan dura godhaa ture, barsiisotatti fayyadamee qabsoo ummata kana dadhabsiisuuf kan karoorfate yoo tahu, yaaliin isaa kunis kan irraa fashalaawe tahuu ibsamee jira.


Opmerkingen


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page