Magaalaa Goondar naannoo Qidaamee Gabayaa jedhamutti dukkaanonni muslimootaa hedduun gubatan.
- NuuralHudaa
- Sep 16, 2016
- 1 min read

Ibiddi kun halkan edaa naannoo saa'aa 4:00 kan ka'e yoo tahu, dukkaanonni naannawa sanitti argaman guutumaan guututti kan barbadaa'an tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Ka'uumsi balaa kana hanga ammaatti kan hin beekamin yoo tahu, hojjattoonni balaa ibiddaa yeroo sanitti argamanis dhaamsuuf tattaaffiin isaan godhaa turan hedduu diqqaa tahuus madden gabaasan.
Kanaan dura yeroo adda addaatis balaan Ibiddaa kun iddoo Qidaamee Gabayaa jedhamutti kan ka'e yoo tahu, balaa kanaan duraatti mootummaan ibidda yeroo gabaabaa keessatti kan dhaamsu yoo tahu, kan hardhaa kana mootummaan shira raawwatuuf dhaamsuuf tattaaffii godhuu dhiise jedhamaa jira.
Dukkaanonni naannawa sanitti argaman irra caalaan kan daldaltoota muslimaa yoo tahuu, Hawaasni muslimaa magaalaa Goondar guyyaa Iidaa mormii cimaa dhageessisuu isaatiifi dukkaanonni isaanii jalaa gubame jedhamaa jira.

Comentarios