top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sirni hajjii bara kanaa nagayaa akka geggeeffamu xiyyeeffannaa Mootummaan Sa'udii godhe keeysaa

  • Odeeyfannoo
  • Sep 13, 2016
  • 1 min read

√ Fayyaa Hujjaajotaa ilaalchisee , ogeeyyii fayyaa 25,000 oli Pirofeseroonni,Doktoroonni, Narsoonni ramadamanii jiru.

√ Hospitaalota 25 oli kan meeshalee hammayyaa of keessatti qabatan.

√ Wirtuuwwan fayyaa hujjaajonni itti yaalaman 120 oli tahan naannawa Minaa,Muzdalifaa fi dirree Arafaatti. Akkasumas Dukkaanota 20,000 oli tahan.

Minaan alatti immoo wirtuuwwan tajaajila fayyaa meeshaa guutatan 200.

√ Ambulaansota socho'an 500 ogeeyyii fayyaa waliin.

√Ambulaansota gurguddoo 140 oli

√Ispeeshaalistoota dhukkuba onnee fi dhukkuboota biroo yaalan.

√Tajaajila dhiqaansa kalee √ Siree dhukkubsattootaa dhukkubbii cimaa 1300 oli.

√ dhukkubsattoota dhukkubbiin isaanii sadarkaa hamaa irra gaheef immoo siree 120 oli

√ Yoo akka tasa Dhukkubni daddarbaa mudate Xayyaaronni dhukkubsattoota biyya alaatti geessan qophaa'ani jiru.

√ Hanga ammatti hujjaajota 24 Sarjarii Onnee, 120 yaalii madaa Onnee, Opireshiina Kalee 1200 oli, Dhiqaansa kalee 1000 oli fi yaalii dhukkuba Onnee kan Cardiac catherization jedhamu hujjaajota 291 olii kennamee jira.

Tajaajilli asii olitti ibsame kun kan guutuu biyyatiitti osoo hin tahiin naannawa Hujjaajonni yeroo dheeraaf turan kan akka Mina, Muzdalifaa fi Dirree Arafaatti dhaabbatan qofaadha.

Akkasumas hanga ammaatti Rakkoon mudate tokkoyyuu kan hin dhagahamin tahuu beekamee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page