Guyyaa har’aa Zulhijjaa 9 muslimoonni miiliyoona 2 tahan, Adunyaa guutuu irraa dirree Arafaatti wali
- NuuralHudaa
- Sep 11, 2016
- 1 min read

Guyyaan Arafaa guyyaa hujjaajonni gara gaara Arafaatti imalaniidha, gaarri Arafaa fageenya kiilomeetira 20 kibba baha magaalaa Makkaatti argama, iddoo kanatti argamuun immoo ulaagaa dirqama hujjaajonni raawwatuu qaban keessaa tokko yoo tahu, guyyaa hardhaa kana hujjaajonni miliyoona lamatti tilmaamaman kutaa Adunyaa adda addaa irraa argamuun ulaagaa hajjii kan Rabbiin dirqama isaan irratti godhe guutaa oolani jiru.
Sirna Hajjii bara kana irratti hujjaajonni miliyoona 1.5 kutaa Adunyaa adda addaa irraa kan argaman yoo tahu, isaan hafan immoo lammiilee Sa’uud Arabiyaa tahuun beekamee jira.
Hordoftoonni Amantaa Shi’aa biyya Iraan sababa balaa bara dabre naannoo Minaatti mudateef waan shakkamaniif, hajjii bara kanaa irratti argamuun kan hin eeyyamaminiif tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Rabbiin Hujjaajota muslimaa hunda ibaadaa isaanii irraa haa qeebalu, nagayaan gara maatii isaaniitti isaan haa deebisu
Comments