Search
Arsii Lixaa Magaalaa Qoretti Ummatni manneen Kaabinootaa gubuudhaan, agaazii tokko ammoo eboon waraa
- Odeeyfannoo
- Sep 10, 2016
- 1 min read

Guyyaa har’aa waraanni Agaazii namoota nagayaa awwaalaa deebi’aa turan irratti dhukaasuun lammiilee nagayaa sadi ajjeesuu isaa isiniif gabaasnee turre. Ummanii gochaa waraana Mootummaa kanaan dallane, baadiyaa fi magaalaa walitti bahuudhaan dallansuun manneen Milishootaa fi Kaabinootaa gubanii jiran. Agaaziin tokkos eboon waraananii madeessanii jiru.
Comments