Search
Mootummaan Sa’uud Arabiyaa Hujjaajota 188, 747 kan karaa seeraan alaatiin gara Makkaa seenuuf ta’an
- Odeeyfannoo
- Sep 7, 2016
- 1 min read

Konkolaatonni 84,965 akkasumas Mini Baasonni 48, Namoota ulaagaa barbaachisaa ta’an hin guunnee, kanneen 188,747 ta’an qabatanii gara Magaalaa Makkaa Seenuuf yoo ta’an dhaabsifamuu isaanii Hoogganaan Poolisii Makkaa Meejar Jeneraal Sa’iid Al Qarnii beeksise. Seensa Magaalaa Makkaa irratti, eddo too’annaa 109 kan qophaaye yoo tahu, hujjaajonni gara Makkaa seenuu barbaadan dirqamatti karaalee kanniin qaxxaamuruu qabu. Haa ta’u malee dookumantii sobaa fi wantoota biraatiin walqabatee hujjaajonni seeraan alaa kuma 200 dhihaatan kan deebifaman ta’uu ibse.
Comments