Mootummaan Ammas Hidhamtoota Musliimaa gad dhiisuuf akka tahu madden garagaraa gabaasaa jiru
- Odeeyfannoo
- Sep 7, 2016
- 1 min read

Muslimoota Galmee Ustaaz Abubakar Ahmad Jalatti himatamanii jiran keessaa, Muslimoonni 9 hiikamuuf akka tahan gabaasni argame ni addeessa. Namoonni gad dhiifaman jedhamee eeggamu 1. Ustaaz Abubakar Ahmad 2. Ustaaz Kaamil Shamsuu 3. Ustaaz Badruu Huseen 4. Ustaaz Sa’id Alii 5. Sheek Makkata Muuhee 6. Dargaggoo Mubaarak Aadam 7. Gaazexeessaa Yuusuf Geetaachoo 8. Ustaaz Nuuruu Turkii 9. Obboleessa keenya Muraad Shakuur Mootummaan guyyaa har’aa maatiiwwan koree keenyaatiif bilbiluudhaan akka gad dhiifaman kan hime ta’uu odeeyfannoon argame ni addeessa. Obboleewwan keenya kunniinis guyyaa sabtii / sanbata xiqqaa ni hiikamu jedhamee eeggama. Waggaa Har’aa haaluma walfakkaatuun ayyaan jijjiirra waggaa sabababeeffachuudhaan obboleewwan keenya shan hiikuun isaa ni yaadatama.
Maddi: Fitih Reediyoo
Rabbi Oduu Kheeyrii nu haa dhageeysisu
コメント