Naannoo Oromiyaa magaalota adda addaatti duulli diddaa bittaaf gurgurtaa lagachuu geggeeffamaa jira
- Odeeyfannoo
- Sep 6, 2016
- 1 min read

Ummanni gabrummaaf jilbiffatuu diduun mootummaa biyyatti bulchaa jiru irratti mormii cimaa geggeessaa jira.
Guyyaa hardhaa magaalota adda addaatti manaa bahuu dhabuun, Oomisha gabayaa baasuu diduun daandiiwwan cufuun mormii cimaa godhaa jira.
Magaalaa Roobee suuqileen hedduun cufaa yoo tahan, manneen daldalaa hin cufamin tokko tokkos akka Cufaman jechuun ummanni akeekkachiisee jira.
ummanni magaalaa Cillimoo konkolaataa gara magaalaa Jalduu fi Gindabarat deemu cillimoo qarqaratti dhaabsisuun tarkaanfii itti fudhataa jiraatuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Magaalaa Haramaayaattis ummanni manneen daldalaa cufuun mormii cimaa godhaa jira, kaabinoonni mootummaa suuqiilee cufaman irra deemuun waraqaa saamsamee jira jedhu irratti maxxansaa jiran. Abbootiin koonkolaataa fi Bajaajii hayyama isin irraa fuuna jechuun sodaachisanis ummanni isaaniif hin jilbiiffanne.
Magaalaa Walisootis bajaajiiwwan didanii hojjatan ummanni barbadeessuu beekamee jira. Magaalaan gidaamiitis cal jettee jirti, ummanni magaalaa Naqamtee ummaanni baadiyaa hin dhaga'iiniif dhageesisuun Oomisha isaanii qabatanii akka deebi'an godhuu beekamee jira.
Angaawonni mootummaa Abbaa Duulaa Gammadaa fi Warqinee Gabayyoo gara magaalaa Dodolaa deemuun ummata sossobuuf yaalanis ummanni kadhaa isaanii diduun mormii cimaa gaggeessuu beekamee jira.
Magaalaa Dadaritti ummanni baadiyaa tokkolleen magaalaa hin seenne, ummaanni magaalaas manneen daldalaa mara cufee ooluu beekamee jira.
Magaalota hedduu keessattis mormiin kun cimee kan godhamaa jiru yoo tahu qaamonni mootummaa magaalota tokko tokkotti tarkaanfii fudhatuun, magaalota tokko tokkootti ummata kadhataa jiraatuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Commentaires