top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalonni Oromiyaa keessa jiran guyyaa har'aa ganamumaan Qabbanaayanii jiran

  • Odeeyfannoo
  • Sep 6, 2016
  • 1 min read

Sagantaawwan qabsoo hawaasni Oromoo geggeessaa jiru keessaa tokko kan ta'e, Diddaa fi Bittaan gurguttaa meeshaa, guyyaa har'aa ganama irraa kaasee Magaalota Oromiyaa keessa jiran keessatti dalagaa irra oolaa jira. Magaalonni heddu kan gabaa gurguddaa qaban guyyaa har'aa oomishni gara isaanii seenee fi isaanirraa bahe hin jiru. Gabaa guddaa kan qabdu Magaalaan Asaasaa guyyaa har'aa gabaa malee oolaa jirti. Achuma Arsii Lixaa Magaalaa Dodolaa keessatti tajaajilli kennamaa jiru cufti isaatuu dhaabbatee jira. Konkolaataan Sosochii irra jiru tokkolleen hin jiru Magaalota akka Awwadaay, Shaashamannee, Amboo, Gudar, Naqamtee fi kanneen biroo keessattis sochiin daldalaa dhaabbatee akka jiru Odeeyfannoon argame ni addeessaa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page