Search
Guyyaa Har'aa Magaalaa Dambi Doolloo keessatti lammiileen nagayaa Ajjeefaman
- Odeeyfannoo
- Sep 6, 2016
- 1 min read

Magaalaa Dambi Doolloo Keessatti, guyyaa Har'aa ummanni karoora diddaa bittaa fi gurgurtaa labsame dalagaa irra oolchaa kan ture yoo tahu. Poolisoonni konkolaataa dhaabbatan irraa taargaa isaanii hiikaa turan. Gara Sa'aa boodaattis dhukaasni kan dhagahame yoo tahu, namoonni heddus rasaasaan dhahamanii jiru. kanniin keessaa namoonni Ibsaa Roondee fi Hayluu Efreem kan jedhaman osoo Hospitaala hin gahin lubbuun isaanii darbitee jirti.
Comments