Poolisiin Biyya Hindii, Mormitoota Kutaa Kaashmiir irratti rasaasa Chilli-based fayyadamuuf murteess
- NuuralHudaa
- Sep 5, 2016
- 1 min read

Walitti bu’iinsa dhiheenya kana Kutaa biyya Kaashmir mudataa jiruun walqabatee, poolisiin biyya Hindii Meeshaa waraanaa Kan Pellet guns jedhamu fayyadamaa ture. Rasaasni Pellet kun erga dhukaafameen booda kan faffaca’u yoo ta’u, du’a namoota hedduutiif sababaa ta’ee jira. Akkasumas warri mataa keessa dhahame ammoo qaroo ijaa dhabamanii jiru. Hiriira Mormii dhiheenya ka’een haga ammaati lammiileen Kaashmiir 70 ol du’anii jiru. Mucayyoon suuraa irratti argitan tun Inshaa Maalik jedhamti. Intala waggaa 14ti. Rasaasa Pellet jedhamuun dhahamte. Rasaasni kun fuula isii irratti faca’e. Amma booda ifaa addunyaa kanaa akka hin arginetti ija isii dhabdee jirti
Ministeera biyya keessaa kan ta’e Raajnaat Siing yeroo Magaalaa guddittii Kaashmir, Sriinaagaar daaw’atu akkana jedhe; “ogeeyyonni rasaasa amma fayyadamnu irra isa prelargonic acid Vanilly amide (PAVA) akka fayyadamnu nu gorsanii jiran. Namni isa kanaan dhahame hin du’u. Kanaaf amma booda isa fayyadamna” jedhee dubbate.
Rasaasni PAVA jedhamu kun wantoota orgaanik ta’an kanneen akka Qaariyaa (Chilli) irraa kan hojjatamu yoo ta’u, kaayyoon isaatis namoota hiriira bahan boochisuu fi gaggabsuudha. Rasaasni kun dalagaa irra yoo oole daqiiqaa muraasaaf namoota kan laamshessu ta’uu himamaa jira. Ajjeechaa irra yeroof lamshessutu wayya jedhanii rasaasa kana fayyadamuu murteessan. Rasaasa dura fayyadamaa turan kan Pellet jedhamuun haga ammaa namoonni 70 ol kan ajjeeffaman yoo ta’u, namoonni 600 ta’an ammoo qaroo ija isaanii dhabanii jiru.
Addunyaa deebii nama dhorkataa rasaasa gosa garagaraa namatti roobsitu keessa jirra. Rabbi Muslimoota Kaashmir rakkoo keessa jiran keessaa isaan haa baasu.
Comentários