top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Hidhamtoonni mana hidhaa Ziwaayii fi ShawaaRoobiitti geeffaman, hanga ammaatti maatii isaanii wajjii

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 5, 2016
  • 1 min read

Mootummaan mana hidhaa Qiliinxootti ibidda qabuun hidhamtoonni akka gubatan eegaa godhe booda, hidhamtoota hafan mana hidhaa Ziwaayii fi Shawaa Roobitti geesse jira.Yeroo ammaa kana manni hidhaa qilinxoo duwwaa yoo tahu, hidhamtoonni mana hidhaa Ziwaay fi Shawaa Roobiititti geeffamanii Zoonii tokkotti kan hidhaman tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.


Namoonni mana hidhaa kanatti ajjeefaman eenyu fa'a akka tahan hanga ammaatti kan hin beekamin yoo tahu, maatiiwwan hidhamtootaa qulqulleeffatuuf gara hoospitaala Poolisii fi Hoospitaala Phaawulosiitti dhaqanis, waraanni mootummaa akka isaan achitti hin dhihaanne dhoorguun beekamee jira.


Gurra mootummaa kan tahe Raadiyoon Faanaa mana hidhaa Qiliinxootti hidhamtoonni 23 Ajjeefamuu guyyaa hardhaa gabaasee jira.Obboleeyyan sababa qabsoo hawaasa muslimaatiin hidhamanii namoota ajjeefaman keessa jiraatuuf jiraatuu dhabuu wanti beekame tokkollee kan hin jirre yoo tahu, Obboleeyyan tokko tokko karaa adda addaatiin nagaa tahuu isaanii maatiiwwan isaaniif beeksiisaa jiraatuu beekamee jira.

Mootummaan maqaa namoota du'anii fi miidhamaniis guyyaa roobii ka beeksisu tahuu beeksisee jira.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page