top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Gaggeeysan Qabsoo Muslimoota biyya keenyaa, Sagaleen Keenya Haa dhagayamuun ibidda guyyaa kaleessaa

  • Odeeyfannoo NuuralHudaa
  • Sep 4, 2016
  • 1 min read


Geggeessaan qabsoo nagayaa hawaasa muslimaa sagaleen keenya haa dhagayamuun, mana hidhaa Qiliinxoo kan hidhamtoonni hawaasa muslimaa fi Qabsaa'onni ummataa hedduun itti hidhamanii argaman, kan guyyaa kaleessaa ibiddi itti ka'uun lubbuun Lammiiwwan hedduu itti bade tahuu miidiyaaleen adda addaa gabaasaa jiru. Hidhamtoota du'anii fi miidhamani ilaalchisee ibsi mootummaa biyyatti bulchaa jiru irraa kenname kan hin jirre fi mana hidhaa guddicha Koreewwan furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa itti argaman Mana hidhaa Qaallittii irraahis hidhamtoonni baduuf yaalan ajjeefamuu fi miidhamuu odeeyfaannoon bahaa jiru ni agarsiisa, kanafuu ummatni muslimaa koreewwanii fi lammiwwan mana hidhaa kana lammaanitti argaman ilaalchisee Nageenya isaanii beekuu waan barbaadnuuf mootummaan wanta mana hidhaa lamaanitti uumame ummataaf akka beeksisuu fi qaamni walaba tahe kan sababa balaa kanaa qoratu akka dhaabbatu sagaleen keenya haa dhaga'amuun akekkachiisee jira.



Koreewwan kun gaafii ummatni muslimaa gaafatuuf, mirga hawaasa muslimaa kabajsiisuuf jecha kan hidhaman yoo tahu, Hawaasni muslimaa miidhaa isaan irratti dhaqqabu kamiyyuu kan hin calisne tahuus ni beeksisna jechuun mootummaa akekkacheisee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page