Aalimni guddaan biyya keennaa Sheekh Muhammad Ariif Usmaan Muusaa Aakiraman.
- NuuralHudaa
- Sep 5, 2016
- 1 min read

Innaalillaah wa innaa ileeyhi raaji'uun!
Sheekh Muhammad Ariif Sheekh Usmaan Musaa Aalima guddaa Sa'uud Arabiyaa magaalaa Riyaad Masjiida Raji'iitti nama 500 oliif qur'aana qiraatii torbaan nama barsiisaa turan yoo tahu, guyyaa hardhaa Salaata fajrii dura, soomanaaf eguma hiraabatan booda osoo salaata fajrii eeggataa jiran Amriin Rabbii itti dhufe gara fuula Rabbiitti kan godaanan tahuu beekamee jira.
Sheekh Ariif guyyaa hardhaa salaata Asrii booda Masjiida Raji'ii kan magaalaa Riyaaditti argamutti Hawaasni muslimaa lakkoofsaan guddaa tahe salaatul janaazaa irratti eegaa salaatanii booda sirni awwaalcha isaanii kan raawwatame tahuu beekamee jira.
Sheekh Ariif Rabbiin jannaataan Haa gammachiisu, maatiiwwan isaanii fi Hawaasa muslimaa hundaaf Rabbiin sabrii haa kennuuf jenna.
Comments