top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Qeeqa ummataa hin fudhanne, aangoo irra turuu hin danda’u!

  • Odeeyfannoo
  • Sep 4, 2016
  • 2 min read

Ummanni Muslimaa qabsoo isaa waggaa 40f godhaa ture ammas cimsee itti fufa! Sagaleen keenya Haa dhagayamu / ድምፃችን ይሰማ

Sagantaa mormii akka sadarkaa biyyaatitti waan jiruuf of qopheessaa. Qabsoon hawaasa muslimaa waggoota darban shanan keessatti gaafilee sadih irratti bu’uuraawee adeemaa ture. Gaafilee kanniinis, karaa nagayaa fi seera-qabeessaan dhiheessus deebiin mootummaa biraa kenname garuu hidhaa fi ajjeechaa ta’e. Haala kanaan waggoota darban shanan keessatti, tumaa, toorchara, hidhaa, biyyaa baqachuu, du’uu, qur’aanni gubamuu, hijaabni mulqamuu akkasumas masjiidonni keenya yeroo najisaan weeraraman arguu dandeenyee jirra. Har’a garuu qabsoon keenya tarsiimoo isaa bal’isuudhaan cunqursaa akka biyyaatti nurraa gahaa jiru dhaabsisuuf jecha fuulduratti tarkaanfata. Gaafii ummataa osoo deebii kennuun danda’amuu deebii dhoorkachuun, Karaa qajeelaan osoo haasawuun danda’amuu diraamaa fi olola dharaa oofuun qabsoo ummata hin dhaabsisu. Har’as akkuma durii san diraamaa sobaa fi sodaachisuudhan gaafii ummataa ukkaamsuun hin taatu. Adeemsi akkanaa kun ummata yoo daran mufachiise malee deebii isaaf hin ta’u. Bikka silaa deebiin itti kennamuu danda’utti ammas nama ukkaamsuun, ammas nama hidhuun, dhiiga dabalataa dhangalaasuun, lubbuu qaqqaalii ilma namaa harcaasuu, kana hunda booda diraamaa sobaatiin lafa dhiituun daran ummata qabsoof yoo kakaase malee if duuba hin deebisu. Hawaasni muslimaa sodaa ummata keessa ture haxaawee baasuudhaan waggaa 40 dura lammii biyyaa qabsoof kakaasee jira. Ammas qabsoo mootummaa wajjiin godhamu irratti sodaa ummata keessa jiru balleessuudhaan hawaasni qabsoo fi bilisummaaf akka socho’a karaa saaqee jira. Kanaaf ammas qabsoo karaa nagayaatiin lammiileen biyya keenyaa godhaa turan cinaa dhaabbannee, haga mirgi ilma namaa cufti isaatuu mirkanaawutti, obboleewwan keenya wajjiin taanee daran qabsoo kana kan finiinsinu ta’u beeksifna. Karoorri mormii dhiheenya kanatti ni bahu. Kanaaf nuti hawaasni muslimaatis sagantaalee karoorfaman kanniin irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan mirga namummaa fi biyyummaa keenya kabachisiisnee, biyya teenya tan mirgi nama cufaa walqixa itti kabajamu ijaaruuf yeroon sochoonu amma.

Sagaleen keenya haa dhagayamu


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page