top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Itoophiyaa balaa ibiddaa guyyaa har'aa ka'e kan qabsiise hidhamtoota akka ta'

  • Odeeyfannoo
  • Sep 3, 2016
  • 1 min read

Ministeerri Dhimmoota Komunikeshiinii mootummaa Ityoophiyaa balaan Ibiddaa mana hidhaa Qilinxootti ka'e jeequmsa hidhamtoonni kaasaniin akka uumame ibsuun, hidhamtoota irraa namoonni hedduun kan du'anii fi poolisoota irraahis kan du'an jiraatuu TV biyyatti irratti beeksisee jira.

Baay'inna namoota du'anii fi miidhamaniis kan hin beekamin yoo tahu, hidhamtoota jeequmsa kaasan jedhe irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhatuu isaas amanee jira.

Namoota du'anii fi miidhaman ilaalchisee ibsi keenname tokkoyyuu kan hin jirre yoo tahu, mana hidhaa kanatti obboleeyyan qabsoo nagayaa Hawaasni muslimaa kaaseen hidhaman, hogantoonni siyaasaa, gazexeesitoonnii fi Lammiiwwan kumaatamaan lakkaawaman hidhamanii kan argaman ta'uunis beekamaadha.

Filannoo bara 1997 biyyattii keessatti geggeeffame irratti mootummaan lammiiwwan hedduu hidhuun, mana hidhaatti jeequmsa kaasan jechuun lubbuu nama 163 oli kan fixe yoo tahu, ji'a dabre keessas mana hidhaa Qaallittii fi Qilinxoo irraa koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa dabalatee, hoogantoota siyaasaa fi namoota hedduu maqaa isaanii manxansuun yoo jeequmsi kamiiyyuu ka'e tarkaanfii isaan irratti fudhadha jechuun isaa ni yaadatama.

Guyyaa hardhaatis mana hidhaa qiliinxootti jeequmsa kaasanii jiru jechuun hidhamtoota irratti tarkaanfii ajjeechaa kan fudhatame tahuu miidiyaan biyyatti irratti ibsi Ministeera dhimma komunikeeshinii mootummaa irraa keenname ni agarsiisa.

Namni ajjeefameef kan miidhame eenyu akka tahes wanti hanga ammaatti beekame hin jiru.


Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page