Search
Gaazexaanleen biyya keessatti maxxanfaman tokko tokko hidhamtoonni ajjeefaman 20 ni gahu jedhu.
- NuuralHudaa
- Sep 3, 2016
- 1 min read

Gaazexaan Addis Fortune jedhamu namoonni balaa mana hidhaa qilinxootti guyyaa hardhaa ka'een, waraanni mootummaa hidhamtoota 20 ajjeesee jira jedhee gabaase.
Akka gaazexaan kun gabaasetti, Balaan Ibiddaa kun naannoo Alawaadaa (Kushiinaa) mana hidhaatti ka'e. Garuu mootummaan Ibidda kana hidhamtootatu jeequmsa kaasuuf jecha qabsiise jechuun TV biyyattii irratti dabarsee jira.
Yeroo ammaa kana Manni hidhaa Qilinxoo bulchiinsa mana hidhaa irraa fuudhamee Bulchiinsa manneen hidhaa federaalaatti kan kenname tahuus beekamee jira.
Comments