Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Musevenii Lammiiwwan muslimaa 103 tahaniif baasii sirna hajjii bar
- Odeeyfannoo
- Sep 2, 2016
- 1 min read

Gorsaa Pirezidaantii kan tahe ministeerri dhimmoota Siyaasaa biyyatti Haarunaa Kyeyunee Kasoloo, hujjaajonni kun dhiiraa 68 fi dubartoota 35 yoo tahan, guyyaa hardhaa buufata Xayyaaraa biyyatti Intebbee irraa, gara Sa'udii magaalaa Makkaatti sirna Hajjii fuulbana 9/2016 jalqabamuuf ni Imalu jedha.
Yugaandaa irraa sirna Hajjii raawwatuuf nama tokkoof Shilingii Yugandaa miliyoona 15 baasii xayyaaraa qofaaf kan barbaachisu yoo tahu, tokkoon tokkoo hujjaajotaa kanaatiif baasii biroo osoo hin dabalatin walumaa-galatti Shilingii Yugandaa biliyoona 1.54 Pirezidaantiin kan baase tahuu ibsamee jira.
Hujjaajonni kun deeggartoota paartii siyaasaa biyyatti mara irraa kan filamanii jedha hoogganaan paartii NRM Rojersi Malindwa, akkasumas namoonni kun namoota sirna hajjii kana raawwatuu humni isaanii hin dandeenye tahuus ibsee jira.
Comments