top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan biyyatti bulchaa jiru gaafii eenyummaa ummanni naannoo adda addaatti kaase jalisuun kaall

  • Odeeyfannoo
  • Sep 1, 2016
  • 1 min read

Mootummaan akkuma kanaan dura gaafii mirgaa Hawaasni muslimaa kaase dookumantariiwwan adda addaa qopheessee hawaasa muslimaa maqaa balleessuuf yaalaa ture ammas gaafii mirgaa saba fi sablammiin hundi kaase kaallattii jijjiiruu itti fuufee jira.

Torbaan dabre keessa naannoo Oromiyaa godina Harargee Lixaa aanaa Masaalaa Araddaa Coomaa keessatti waraanni mootummaa ummata nagayaa shororkeessuun masjiida irratti boombii darbanii lubbuu lammiiwwan 15 kan balleessanii fi namoota hedduu irrattis miidhaa kan dhaqqabsiisan tahuun ni yaddatama.

Lammiiwwan ajjeefaman kana akka hin Awwaalamne dhoorkuun guyyaa kaleessaa waraanni mootummaa janaazaa wareegamtoota kanaa huccuu waraanaa uffisuun gaazexesitoonni TV Oromiyaa fiilmii dokumeentarii dharaa hojjatuuf vidiiyoon kan waraaban tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

Waraanni mootummaa iddoo masjiida gubatee sanitti meeshaa waraanaa adda addaa Awwaaluun, masjiida jalaa argame jechuun gaafii eenyuummaa hordoftoonni amantii hundaa kaasan hawaasa muslimaa qofatti deebisuun duula farra amantaa Islaamaa irratti xiyyeeffate geggeessu kan jalqabe tahuu beekamee jira.

Kanaan duras mana barnootaa Awwaliyaatti gaafii mirgaa hawaasni muslimaa kaase jallisuu fi hordoftoota amantaa biroo wajjiin walitti buusuuf jecha meeshaa waraanaa awwaaluun fiilmii dookumantarii hojjatee Miidiyaa irratti lakkisuun biyyatti jeequuf yaaluun isaa beekamaadha.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page