Masjiidni Adunyaa irraa guddinnaaan sadarkaa 3ffaa irratti argamu Aljeeriyaa keessatti ijaaramaa jir
- Odeeyfannoo
- Sep 1, 2016
- 1 min read

Masjiidni Adunyaa irraa guddinnaaan sadarkaa 3ffaa irratti argamu Aljeeriyaa keessatti ijaaramaa jira.
Abbaan Taayitaa manneen Aljeeriyaa akka jedhutti " Ijaarsi masjiida guddaa magaalaa guddoo Aljeeriyaa Aljeersi keessatti ijaaramaa jiru kun parsantiin 85% kontraaktara ijaarsa mootummaa chaayinaatiin(China state Construction Engineering Corporation) akka xumurame ibsuudhaan, masjiidni kun waggoota 400-500 dhufaniif ni tajaajila jedha.
Masjiidni kun ijaaramee yoo xumurame Afrikaa keessaa tokkoffaa fi Masjidoota gurguddoo lamaan Makkaa fi Madinaatti aanee guddinaan kan 3ffaa tahuus ibsamee jira.
Ijaarsa masjiida kanaatiif doolaara Ameerikaa Biliyoona 1.3 kan fixe yoo tahu, lafa Iskuweer meetira 400,000 akkasumas minaraan isaa meetira 270 samii keessa kan olfaagatuu fi minaraan isaa kunis Adunyaa keessaa kan jalqabaa yoo tahu, nama 120,000 keessummeesa. manni kitaabaa guddaani nama 2000 qabatu, muziyeema fi wirtuun qorannoo guddaan fuulduraf kan qabatu tahuus ibsaame jira.
Comments