Jaarraa tokkoon dura ykn ammoo waggaa 127 dura Hajjiin kana fakkaata ture.
- Odeeyfannoo
- Sep 1, 2016
- 1 min read

Allaahu Akbar! Allaahu Akbar!
Yeroo san yeroo teknolojiin akkaan hin babal’atin sanitti. Ummanni Muslimaa bakka garagaraatii dirqama Rabbiin isaanirra kaaye bakkaan gayuuf jecha waan qabaniin imala rakkisaa gochuudhaan dirree Rabbi badhaase san irratti walitti qabamaa turan. Yeroo kanatti jechuunis bara 1889tti xayyaaraan deemuun wanta yadamuu miti. Namuu Gaalaa fi Waan danda’aeen gara dachii Rabbi eebbise tanaatti walitti qabama. Ibaadaa Rabbii irra kaayes akkaatuma Ergamaan Rabbii ﷺ barsiisaniin raawwataa gara biyya ofii deebi’aa ture.
Rabbi Warra Ibaadaa kanarratti hirmaate irraa haa qeebalu. Warra achi dhaquu niyyaa qabu cufayyuu haa milkeessu
Comments