Sa’udiin Ambulaansii Heelikooptaraa Saddeet Hujjaajotaaf qopheessite
- Odeeyfannoo
- Aug 31, 2016
- 1 min read

Akka Hoogganaan ol aanaa Waajjira Fannoo diimaa Sa’uudii ibsetti Ambulaansii Heelikooptaraa Saddeet kan namoota dhukkubsatanii fi miidhaman safffisaan fuudhee bakka yaalaa geessu qopheessuu isaa dubbate. Muhammad Abdullaah Al Qaasim akka jedhetti Makkaa fi Madiinaa dabalatee naannoo ibaadaan kun itti godhamtutti namoonni 2, 459 kan hujjaajotaaf tajaajila kennan waajirichaan ramadamanii jiran.
Waajjirri fannoo diimaa kun Ambulaansii Makiinaa 290, Motor Saaykilii 29 fayyadamuun tajaajila kan kennu ta’u hoogganaan kun beeksisee jira. Miseensonni dhaabbatichaa amma tajaajila kennanis doktoroota 99, ogeeyyii fayyaa tajaajila duraa kennan 1,579 akkasumas namoonni fedhiidhaan tajaajila kennuuf qophaahan 1,400 kan irratti hirmaatan ta’uu ibsamee jira
Kun Osoo kanaan jirru, Ministeerri Dhimma Islaamaa ammoo daa’iilee 700, hujjaajotni haala sirriin akka ibaadaa isaanii raawwatan kan deeggaran ramaduu isaa beeksisee jira. Taalaal Al Akiil, gorsaan ministeerichaa akka jedhetti, Daa’ilee fi namootni gargaarsa godhan kunniin Lugaa (Afaan) 30 fayyadamuun, namoota haga Miiliyoona 2 ta’an kan Hajjii baranaa irratti argamaniif tajaajila kennan.
Rabbi Hujjaajota dirree kabajamaa sanitti walitti qabaman nagayaan ibaadaa isaanii raawwachiisee, nagayaan isaan haa galchu.
____________
NuuralHudaa
Comentarios