Namoonni Aanaa Masalaa ganda Coommaatti ajjeefaman 15 gahuun beekame.
- Odeeyfannoo
- Aug 31, 2016
- 1 min read

Hagayya 27 Harargee Lixaa aanaa masalaa Araddaa Coommaatti waraanni Agaazii namoota nagayaa irratti rasaasa dhukaasuun namoota hedduu miidhuu fi ajjeesuu isaanii gabaasuun beekamaadha.
Namoonni waraanni Agaazii Isnaayiperaan dhahamanii ajjeefaman 15 gahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Namoonni Wareegaman kunniin
1.Hamzaa Abdullaah
2.Mohammadnur Kaliif
3.Aasiyaa Abbaas
4.Imaam Jaabir
5.Jaabir Mohammed
6.Feysal Abdallaa
7.Aadam Mikaa'il
8.Mikaa'il Aliyyii
9.Kaamilee Mikaa'il
10.Shukrii Umar
11.Kaamil Hassan
12.Muraad Ahmad
13.Jaabir Hassan
14.Ahmad Imaamee fi
15.Jamaal Aliyyee kan jedhaman tahus beekamee jira.
Odeeyfannoo walfakkaatuun dargaggoonni guyyaa hiriira guddicha Hagayya 6 guutuu Oromiyaatti geggeefame irratti hirmaattan jirtan jechuun guyyoota lama dura hidhaman keessa Dargaggoo Fandishee Adam ajjeefamee reeffi isaa guyyaa hardhaa kan bahe tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.
___________
NuuralHudaa
Comments