Mootummaan Misraa Hujjaajonni Falisxiin daangaa Gaazaa akka qaxxaamuran eeyyameef.
- Odeeyfannoo
- Aug 31, 2016
- 1 min read

Sirna Hajjii bara kanaatiif mootummaan Misraa guyyoota sadiif hujjaajonni Falisxiin daangaa Gaazaa akka qaxxaamuran eeyyamuu Hamaas ibsee jira. Daayreekteer dangaa Raafaah kan tahe Hesham Edwan ibsa guyyaa hardhaa midiyaaleef kenne irratti Hujjaajonni 2500 tilmaaman guyyoota fuuldura keenyatti argamanitti daangaa ni qaxxaamuru jedha. Daangaa Raafaa Ulaa biyyoonni adda addaa gara Falisxiin ittin seenan yoo tahu, Mootummaan misraa yeroo ammaatti aangoo irratti argamu bara 2013 irraa jalqabe yeroo Mootummaa Dimookraatawaan filame Pireezdantii Misraa kan tahe Muhammad Mursii foonqolchetti, daangaa kana cufuun muslimoonni Falisxiin akka sirna hajjii kan Rabbiin isaan irratti dirqama godhe hin raawwanne Waggoota sadiin darbaniif kan dhoorkaa ture yoo tahu, waggaa 3 booda sirna Hajjii bara kanaatiif kan bane tahuu beekamee jira. Gabaasni kun kan Associated press.
NuuralHudaa
Comments