top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Naannoo Amaaraatti fincilli mootummaa irratti geggeeffamu cimee itti fuufee jira.

  • Odeeyfannoo
  • Aug 29, 2016
  • 1 min read

Naannoo Amaaraatti fincilli mootummaa irratti geggeeffamu cimee itti fuufee jira.

Naannoo Amaaraa magaaloota adda addaatti ummata fi waraana mootummaa jiddutti waraanni cimaan geggeeffamaa jiraatuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Godina Goondar magaalaa Arb Gebeyaa jedhanitti ummanni guyyaa lamaaf mana osoo hin bahin jira. Akka waraanni mootummaa alaa hin seenne ka magaalaa keessa jirus akka hin baane daandiin hundi cufamuu odeeffannoon argame ni addeessa. Magaalaan harka ummata keessa jirti, guyyaa Borii ummanni bulchiinsa mataa isaa kan filatu tahuu beekamee jira.

Goojjam magaalaan Adeet ummatni guutuumaan guututti harkatti galfatanii manguddootaan bulaa jirti.

Magaalaa Hamusiitti fi Waraataa jiddutti kan argamu Riqicha Gumaraa jedhamu irratti qotee bulaa fi Waraana mootummaa jidduutti lolli cimaan gaggeeffamee poolisoonni federaalaa 7 ajjeefamaniru. Qotee Bulaa irraahis namoonni 4 Ajjeefamuu oddeeyfannoon ni addeessa. ____________ NuuralHudaa


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page